Dursa
Biyya keenya keessatti, keessumaa akka naannoo keenyaatti, hangan beekutti, barattootni hedduun gosa barnootaa "Technical Drawing"ii haala gaariidhaan hordofanii dandeettii isaa hin horatani. Kun ammoo sababoota hedduu irraa ka'a. Tokko, barnootni "Technical Drawing"ii kutaa 11ffaa fi 12ffaatti baratamu qormaata seensaa biyyoolessaa (Entrance Exam) irra waan hin dhufneef, barattootni baay'een xiyyeeffannoo fi yeroo gahaa itti kennanii hin baratani. Yeroo baay'ee qormaata qofaaf waan dubbisaniif, barnootni qormaata irra hin dhufne hagas mara hin qayyabatamu.
Sababni barattootni biyya keenyaa hedduun gosa barnootaa kanatti cimoo ta'uu dadhabaniif inni lammaffaan ammoo, hanqina barsiisota barnooticha kennanii fi hanqina meeshaalee fakkii (kan mana barnootaa)ti.
Yeroo fi xiyyeeffannoo itti kennanii oogummaa fakkii 'teeknikaalaa' (technical drawing) kaasuu horachuuf fedhii fi dammaqina dhabuunis, barattoota baay'een akka gosa barnootaa sanatti cimoo hin taane taasisee jira.
Dandeettiin fakkii teeknikaalaa kaasuu kun akka waan baramuu hin dandeenyetti yaaduu fi abdii kutachuun, yaadda'uun, dhibaa'uunis sababawwan isaan guguddoodha.
"Silas maalan godha muummee barnoota 'Injiineriingii' hoo hin seenuutii" jedhanii yaaduu fi "'Injiineriingii' keessaa ammoo muummee fakkii kaasuu gaafatu hin seenu" jedhanii baqachuunis akka dhimma barnoota "Technical Drawing"ii dhaban taasiseera, taasisaa jiras. Kun ammoo muummeen jaallatan yoo gosa barnootaa kana kan gaafatu ta'e sababa isa hin dandeenyeef jecha baqachuu fi fedhiin ofii sababa isaatiin daangeffamuu irra darbee, yoo fedhii fi karoora malee yeroo yuuniversitii seenuuf muummee filatan sana wanta filatan dhabanii isa "Technical Drawing"iin keessatti barbaachisu seenan miidhaa cimaa nama irraan geessisa.
Kanaaf, furmaatni isaa inni duraa, yerooma barnootichi kennamuu eegalu kutaa 11ffaa fi isa dura irraa eegalanii dandeettii kana shaakaluudha. Kun ammoo dandeettii nama boonsuu fi carraa jireenyaa bal'aa kan namaaf kennu, yaaddoo, of shakkuu fi sababa barnootichaaf jecha fedhiin muummee barnoota barbaadan qu'achuu daangeffamuu kan nama baraaruudha. Yoo ofii gosa barnoota kanaatti cimaa/cimtuu ta'an:
Kanaaf, ammuma irraa qabanii, keessumaa barattootni muummee Saayinsii Uumamaa (Natural Science) kutaa 11ffaa fi 12ffaa (Preparatory School), yookaan kanneen isa duraa, jabaatanii akkuma gosa barnootaa kamii iyyuu xiyyeeffannoo, fedhii fi yeroo gahaa kennuufiidhaan ofii fi 'biyyaaf' jecha gosa barnootaa kana qu'achuun baay'ee barbaachisaadha. Kaayyoo, barbaachisummaa fi hojii-irra-oolmaa (application) gosa barnootichaa dursa hubatanii sirnaan qu'achuun injifataa/injifattuu nama taasisa.
Ani muraasan kaase malee, sababootnii fi miidhaawwan gosa barnootaa "Technical Drawing" danda'uu dhabuu kana caaluu ni danda'u. Isinis itti dabaltu.
Rakkoowwan kana hubachuudhaan, anis hanga dandeettii kootii carraan argadhe fayyadamuudhaan obboloota koo barattoota Saayinsii Uumamaa (Natural Science) kutaa 11ffaa fi 12ffaa, kanneen isa barachuuf fedhii fi karoora qabanis, barattoota "Injiineriingii" gosa barnootichaa, kan akka "Engineering Drawing" fi "Machine Drawing"ii faa baratanis gargaaruudhaaf yeroo dheeraaf yaadee murteessee karaa kana ka'ee jalqabeen jira.
Barnooticha suur-sagalee (video)dhaan, suuraawwan addaa addaa fi barreeffamoota Afaan Oromoo fi/yookaan Afaan Ingiliziitiin qophaa'an toora Interneetii kana irratti namoota isa barbaadaniif dhiyeessuuf murteessee jalqabeen jira. Jalqaba kana garuu, bloogii kana, fuula feesbuukii ani maqaa "Basic Technical Drawing" jedhuun bane fayyadamuudhaanan fakkiiwwan barbaachisoo akka barbaachisummaa isaaniittii fi barreeffamoota barsiisoo Afaan Oromootiin dhimma kana irratti qopheessee dhiyeessa.
Fuula kana kan adda isa godhu:
Ani yeroo yerootti as irratti dhimma kana nan maxxansa. Isinis karuma kanaa fi karaa fuula feesbuukii fuula kanaa, teessoo "Email"ii keessaniinis bloogii kana irratti galmaa'uudhaan karaa saanduqa xalayaa (inbox) keessanii salphaatti hordofuu ni dandeessu. Galatoomaa! Yaada keessanis karaa kanaanis ta'e karaa "Email"ii koo jarawakshuma@gmail.com naaf barreessuu ni dandeessu. Ulfaadhaa! Milkaa'ina keessanin hawwa!

- carraa hojii gosa barnoota kanaan argamu argachuuf,
- of irra darbanii dandeettii ofiitiin namoota biroo karaa sirrii ta'een gargaaruuf,
- muummeewwan barnootaa gosa barnootichaa of keessaa qabanii fi kanneen isa irratti hundaa'an yoo barbaadan seenuu fi yaaddoo malee fedhiidhaan keessatti milkaa'uuf nama gargaara.
Kanaaf, ammuma irraa qabanii, keessumaa barattootni muummee Saayinsii Uumamaa (Natural Science) kutaa 11ffaa fi 12ffaa (Preparatory School), yookaan kanneen isa duraa, jabaatanii akkuma gosa barnootaa kamii iyyuu xiyyeeffannoo, fedhii fi yeroo gahaa kennuufiidhaan ofii fi 'biyyaaf' jecha gosa barnootaa kana qu'achuun baay'ee barbaachisaadha. Kaayyoo, barbaachisummaa fi hojii-irra-oolmaa (application) gosa barnootichaa dursa hubatanii sirnaan qu'achuun injifataa/injifattuu nama taasisa.
Ani muraasan kaase malee, sababootnii fi miidhaawwan gosa barnootaa "Technical Drawing" danda'uu dhabuu kana caaluu ni danda'u. Isinis itti dabaltu.
Rakkoowwan kana hubachuudhaan, anis hanga dandeettii kootii carraan argadhe fayyadamuudhaan obboloota koo barattoota Saayinsii Uumamaa (Natural Science) kutaa 11ffaa fi 12ffaa, kanneen isa barachuuf fedhii fi karoora qabanis, barattoota "Injiineriingii" gosa barnootichaa, kan akka "Engineering Drawing" fi "Machine Drawing"ii faa baratanis gargaaruudhaaf yeroo dheeraaf yaadee murteessee karaa kana ka'ee jalqabeen jira.
Barnooticha suur-sagalee (video)dhaan, suuraawwan addaa addaa fi barreeffamoota Afaan Oromoo fi/yookaan Afaan Ingiliziitiin qophaa'an toora Interneetii kana irratti namoota isa barbaadaniif dhiyeessuuf murteessee jalqabeen jira. Jalqaba kana garuu, bloogii kana, fuula feesbuukii ani maqaa "Basic Technical Drawing" jedhuun bane fayyadamuudhaanan fakkiiwwan barbaachisoo akka barbaachisummaa isaaniittii fi barreeffamoota barsiisoo Afaan Oromootiin dhimma kana irratti qopheessee dhiyeessa.
Fuula kana kan adda isa godhu:
- kaayyoo ifaa fi bu'a-qabeessa ta'een barnootni kun tolaan toora irratti caalmaatti Afaan Oromootiin dhiyaachuu isaa,
- barnoota isaa qofas osoo hin taanee, yaadawwan nama jajjabeessan, kan laafe kan kakaasan, kan jabaate ammoo daran kan cimsanii fi kanneen biroo qabaachuu isaati.
Ani yeroo yerootti as irratti dhimma kana nan maxxansa. Isinis karuma kanaa fi karaa fuula feesbuukii fuula kanaa, teessoo "Email"ii keessaniinis bloogii kana irratti galmaa'uudhaan karaa saanduqa xalayaa (inbox) keessanii salphaatti hordofuu ni dandeessu. Galatoomaa! Yaada keessanis karaa kanaanis ta'e karaa "Email"ii koo jarawakshuma@gmail.com naaf barreessuu ni dandeessu. Ulfaadhaa! Milkaa'ina keessanin hawwa!
Jaarraa Waaqshuumaa Galataa
Caamsaa 31, 2018.
Comments
Post a Comment