Posts

Dursa

Image
Biyya keenya keessatti, keessumaa akka naannoo keenyaatti, hangan beekutti, barattootni hedduun gosa barnootaa "Technical Drawing"ii haala gaariidhaan hordofanii dandeettii isaa hin horatani. Kun ammoo sababoota hedduu irraa ka'a. Tokko, barnootni "Technical Drawing"ii kutaa 11ffaa fi 12ffaatti baratamu qormaata seensaa biyyoolessaa (Entrance Exam) irra waan hin dhufneef, barattootni baay'een xiyyeeffannoo fi yeroo gahaa itti kennanii hin baratani. Yeroo baay'ee qormaata qofaaf waan dubbisaniif, barnootni qormaata irra hin dhufne hagas mara hin qayyabatamu. Sababni barattootni biyya keenyaa hedduun gosa barnootaa kanatti cimoo ta'uu dadhabaniif inni lammaffaan ammoo, hanqina barsiisota barnooticha kennanii fi hanqina meeshaalee fakkii (kan mana barnootaa)ti. Yeroo fi xiyyeeffannoo itti kennanii oogummaa fakkii 'teeknikaalaa' (technical drawing) kaasuu horachuuf fedhii fi dammaqina dhabuunis, barattoota baay'een akka gosa barnootaa